Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്   ആയത്ത്:
وَٱلۡبَلَدُ ٱلطَّيِّبُ يَخۡرُجُ نَبَاتُهُۥ بِإِذۡنِ رَبِّهِۦۖ وَٱلَّذِي خَبُثَ لَا يَخۡرُجُ إِلَّا نَكِدٗاۚ كَذَٰلِكَ نُصَرِّفُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَشۡكُرُونَ
Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha, Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu, Akka kanatti keeyyattoota namoota galateeffataniif addeessina.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِهِۦٓ إِنَّا لَنَرَىٰكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "Dhugumatti, nuti jallina ifa galaa keessatti si argina" jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ لَيۡسَ بِي ضَلَٰلَةٞ وَلَٰكِنِّي رَسُولٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
(Nuuhis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أُبَلِّغُكُمۡ رِسَٰلَٰتِ رَبِّي وَأَنصَحُ لَكُمۡ وَأَعۡلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa; toltuus isiniifin yaada, Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَوَعَجِبۡتُمۡ أَن جَآءَكُمۡ ذِكۡرٞ مِّن رَّبِّكُمۡ عَلَىٰ رَجُلٖ مِّنكُمۡ لِيُنذِرَكُمۡ وَلِتَتَّقُواْ وَلَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
sila ni dinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu, nama isin irraa ta’e tokko irratti,akka isin akeekkachiisuuf, akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif (isaaniin jedhe).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَكَذَّبُوهُ فَأَنجَيۡنَٰهُ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَأَغۡرَقۡنَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمًا عَمِينَ
Isa kijibsiisan, Isaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarsine, Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo bishaaniin dhidhimsine, isaan ummata jaamaa turan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمۡ هُودٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Gara Aad obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Sila hin sodaattanuu?" jedheen.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦٓ إِنَّا لَنَرَىٰكَ فِي سَفَاهَةٖ وَإِنَّا لَنَظُنُّكَ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
Ummata isaa irraas qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti, nuti gowwummaa keessatti si argina, Dhugumatti, kijibdootaa irraa ta'uu kees yaanna" jedhaniin.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ لَيۡسَ بِي سَفَاهَةٞ وَلَٰكِنِّي رَسُولٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
(Huudis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക